Maastar Pilaaniin Abiyyi Oromoon Finfinnee akka deeffatuuf ni gargaaraa?

Maastar Pilaaniin Dr Abiyyi ,Oromoon Magaalaa  Finfinnee Handhuura isaa akka deeffatuuf ni gargaaraa?  

Gobana Biqilaatiin (Barreessaa Barruu yeroo) 

Sochii  qabsoo Siyaasaa Oromoo keessatti babal’ina Magalaa guddaa Finfinne yookiin ‘addis Ababa’  waggoota dheeraaf shakkaa turan. Maastar pilaanii sirna bittaa TPlF jala ture beektonnii fi hayyootni Oromoo,akkasumas ummanni Oromoo bal’aan  mormuun isaanii sirrii ture.  

Maaster pilaaniin TPLF haarofni  Finfinneen ummata Oromoo karaa aadaatiin ,diinagdeetiin ,hawaasummaanii fi siyaasaatiin  dhiibbaa/balaa gaassisa ture. Maastarpilaaniin TPLF kun qonnaan bulaa Oromoo magaalaa irraa buqqisuu,  haala teessuma lafaa fi ummataa  jijjiiruun “Godina addaa Naannawa Finfinnee” jechuun moggaasuunii fi dabalataan immoo jiraattotni magaalattii baay’inaan sabaan Amaara ta’an ummata naannoo kibbaa irraa gara naannawa magaalatti dhufan suuta suutaan aadaa fi seenaa isaanii liqimsuun gara ofiitti geeddaruunii fi lakkoofsa  ofii magaalaa keessatti baay’ifachuun magaalaa magaalaa saba Amaaraa taasiuun aadaan,duudhaanii fi haalli jiruu fi jireenya ummata Oromo akka baduu fi kan isaaniitiin bakka buusuun  Ummata Oromoo akka rakkinaaf saaxilamaniif  shoora taphateera. 

Kanaan olitti immoo warrootni haarofni gara magaalattii galan magalaattii waan hundaan yommuu too’atan,qonnaan bultoonni oromoo fi ijoolleen isaanii muuxannoo hojii fi waan hojjatan hin argatan.Akkasumas  dargaggoonni Oromoo naannawa Sanaa hirmaannaa diinagdee keessatti dorgomaaniif deeggarsa maallaqa gahaa kan hin kennamneefi, akkasumas  ogummaan waan hin deeggaramneef karaa irratti hafu. 

Karaa hedduun maastarpilaaniin TPL ummata Oromoof miidhaa malee bu’aa hin qabu.Sababa kanaaf waggoota 20 darban ummmanni oromoo magaalaa handhuura isaa taate irratti keessummaa ta’ee  dhiibbaanii fi dararaan  karaa hundaan irra gahaa tureera. 

Egaa Rakkoo kanaaf falli maali? 

Har’a akka kaleessaa TPLF hin jirtu, Muummee Ministeera oromoo fi paartii buyya bulchaa jira qabna. 

Rakkoo walfakkataa ta’e furuuf malli durii nu baasaa?? 

Ummanni oromoo Finfinnee handhuura isaa Irra Deebiin akkamitti Argachuu danda’a? 

Tooftaa / Mala /Dhiyeessiiwwan lamatu jira. 

Tooftaa/Dhiyeessii 1ffaa 

Tooftaan jalqabaa guyyaa guyyaan “facebook”irratti komii babbal’achuu magaalaa Finfinnee  miiraan mormuudha.Miiraan mormuun kun immoo gara walitti bu’iinsaatti jijjiiruun kanneen akka Sabbataa ,Baraayyuu, jiraattota Finfinnee haaraa ta’anii fi magaalota naannawa Finfinnee  jiran jidduutti walitti bui’iinsi walii waliinii akka uumamu gochuu ni danda’a. Tooftaan kun  ummata Oromoo ummata ollaa isaa jiraatu waliin diina akka ta’an godha.Gaggeessitootni siyaasaa fi Aktiivistootni  Oromoo  tokko tokko  rakkoo kana humnaan,aarii fi walitti bu’iinsa uumuun ni furra jedhanii yaadu. Suni tarsiimoo dogongoraati. Aktiivistootni tokko tokko beekkamtii argachuuf jecha  ‘facebook’ irratti  miira keessa seenanii ergaa hin taane dabarsuun  iyyaa oolu. Garuu isaan of jaalattootaa fi warra yaada gabaabaati. Isaan akkanaa ummata Oromoos ta’ee ummata Itiyoophiyaaf hin fayyadan. 

Tooftaa /Dhiyeessii 2ffaa  

Adeemsi yookiin malli lammaaffaan ummata Oromoo aangessuun  bu’aa keenya haaraa kana fayyadamuudha. Kana gochuuf immoo ummanni Oromoo har’a magaalaa Finfinnee keessatti lakkoofsaan xiqqaa ta’uun isaa haqa jirtu fudhannee ,rakkoo Finfinnee keessatti lakkoofsi Ummata Oromoo xiqqaachuu  kana boru jijjirruuf karaa hedduu fala barbaaduu  qabna.  

Rakkoo kana jijjiiruudhaafis Muummee Ministeeraa Abiyyi Ahmadii fi kantiibaa Taakkalaa UUmaan wanti gochuu qaban/danda’an:-.  

  • A.   Qonnaan Bultoota Oromoo Lafa Isaanii irraa buqqaafamaniif beenyaa kaffaluufii 
  • B.   Manneen waliin jireenyaa akka argatanii fi guddina keessatti hirmaachuuf dursa ijoollee Qonnaan bultoota Oromoof kennuu. 
  • C.    Ummata Oromoo  baadiyaa jiraatu gara magaalaa Finfinnee fi  naannawa Finfinneetti galchuun daldala keessatti akka hirmaatan taasisuu fi ‘invast’ akka godhan taasisuu. 
  • D.   Daangaa Finfinnee Bal’isuu fi dabalataan Finfinnee gara Oromiyaatti babbal’isuu. 
  • F.    Afaan oromoo Afaan Hojii Mootummaa Federaalaa gochuu. 

Kanaafuu Aktiivistoonni Oromoo ilaalcha durii jijjirachuu qabu,akkasumas  Oromoota Magaalaa Guddaa Finfinnee keessatti baay’ina ummata Oromoo dabaluuf  babbal’ina Finfinnee gara Oromiyaatti taasistu deeggaruu qabu. 

Maastar Pilaaniin magaalaa Finfinnee Mootummaa Naannoo Oromiyaatiin yoo kan buluu fi hogganamu akkasuamas boca isaa kan qabatu ta’e  Ummanni Oromoo babbal’ina magaalaa Finfinnee deeggaruu qaba. 

Tooftaan/Dhiyeessiin lammaffaa kun Malkaayuu Danada’aa?   

                Eeyyeen  

Tarsiimoon kun Naannoo Sabaa fi Sablammootaa fi Ummattota kibbaa Hawaasaatti, Sidaamaan paartii naannicha bulchuun hojiirra ooleera. Akkamitti?    

Bara 1990ta keessa lakkoofsi ummata sidaamaa Hawaasaa keessa jiraatu dhibbeentaa 10% qofa ture, garuu adeemsa keessa Hawaasaan babal’ina ishee gara Sidaamaatti taasisaa dhufteen har’a lakkoofsi ummata Sidaamaa harka dhibba keessaa %50 oliidha. 

Foormulaan Hawaasaatti milkaaye  kun Finfinneetti fudhatamuun hirmaannaa Ummata Oromoo Finfinnee keessatti karaa dinaagdee fi siyaasaatiin guddisuuf hojiirra ooluu qaba. Foormulaan/adeemsi kun suuta suutaan hojiirra waan ooluuf akkaqsuam karaa nagana,seeraanii fi diimokraasii waan ta’eef fudhatamuu qaba. 

Yeroo ammaa kana Bulchiinsi Dr.Abiyyi ummata Oromoo aangessuudhaaf mala kana fayyadamaa jira.Kanaafuu ummata Oromoo barsiissudhaan mala lammaffaa kana akka fudhatan gochuunii fi mala /dhiyeessii 1ffaa kan Aktiivistootni ‘Facebook “ fayyadaman kana  akka morman gochuun Bulchiinsa Dr. Abiyyi deeggaruu dandeenya. 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *